Xiyyaaroonni Booying Max 737 hojimataan waliin walqabsiisee odeeffannoowwan nageenya aanga’oota dhoksuutin Ameerikaa keessaatti himata irratti banameen Doolaraa Ameerikaa biiliyoona 2.5 kaffaluuf waliigaluu ibsameera.

56

Finfinnee, Muddee 30, 2013 (TOI)-Xiyyaaroonni Booying Max 737 hojimataan waliin walqabsiisee odeeffannoowwan nageenya aanga’oota dhoksuutin Ameerikaa keessaatti himata irratti banameen Doolaraa Ameerikaa biiliyoona 2.5 kaffaluuf waliigaluu ibsameera.

Booying ‘Iftoominarra bu’aa isaa durseera’ kan jedhe dameen seeraa Ameerikaa, dagannaan nageenyummaa xiyyaarootaarratti muul’dhiseen baloota cicciimoo 2 keessummeessusaa himeera.

Dhaabbatichi maallaqa kaffaluu keessaa doolaraa miiliyoona 500 balaa qaqqabee lamaaniin maatii namoota lubbuu isaanii dhaban 346 beenyaa kan kaffalu ta’uu ibsameera.

Hoji gaggeessaan olaanaa Booying Deevid Kaalhom, gara waliigaltee kanarra ga’uun keenya murtoo sirridhaa jedhaniiru.Akka bara Faranjootaa 2018 fi 2019 Xiyyaaroota Booying 737 sababaa rakkoo teekniikaan qabeenyumaan isaanii Ityoophiya fi Indoonezhiyaa ta’an lama kufaanii caccabuun lubbuun namootaa 346 darbuun ni yaadatama.

Maddi:-BBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015