Hojiin misooma sululaa guutuu Oromiyaatti Amajjii 1, 2013 irraa eegalee ni jalqabama jedhame

118

Finfinnee, Muddee 30, 2013 (TOI) – Hojiin misooma sululaa guutuu Oromiyaatti Amajjii 1, 2013 irraa eegalee kan jalqabamu ta’uu Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa beeksise.

Biirichi Amajjii 1, 2013 irraa eegalee misoomni suluulaa gandoota Oromiyaa hunda keessatti hirmaannaa hawaasaa ho'aa ta'een kan eegalamu ta’uu ibseera.

Tola ooltoonni hojii kanarratti akka hirmaattan Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa waamicha dhiyeessera.Hojiin misooma sululaa kun Amajjii 1, 2013 irraa eegalee guyyoota 45tiif hojii tola ooltummaan kan gaggeeffamu ta'uu ragaan Biiricharraa argame ni muul’isa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015