Weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi to’achuuf hojii qindoomina qabu hojjechuun kan barbaachisu ta'u himame

43

Finfinnee, Muddee 28, 2013 (TOI) - Weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi to’achuuf hojii qindoomina qabu hojjechuun kan barbaachisu ta'uu itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makoonniin yaadachiisan.

Yeroo ammaa weerarri dhibicha daraan dabalaa kan jiru yoo ta’u, faallaa isaan hojiin ittisuu fi to’achuu sadarkaa hundatti dagatamaa dhufuu ibsaniiru.

Dagannaan uumame dhibichi sodaa hawaasaa ta’ee akka itti fufu taasiiseera jedhame.Hojiilee ittisaa fi to’annoo irra deebiin cimsuu fi yeroo itti aanu sosochuu hawaasaa bu’aa qabeessa ta’e taasiisuuf Preezdaantoota naannoolee fi hoggantoota olaanoo waliin mariin taasiifameera.

Hoggantoonni sadarkaan jiran weeraricha ittisuuf xiyyeeffannoon hojjechuun hawaasa baraaruu akka qaban obbo Dammaqaan dubbachuu isaanii ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni muul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015