Sagantaa Ashaaraa Magarisaa marsaa itti aanuuf biqiltuun biliyoonni 8 qophaa’aa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

90

Finfinnee, Muddee 28, 2013(TOI)- Sagantaa Ashaaraa Magarisaa marsaa itti aanuuf biqiltuun biliyoonni 8 qophaa’aa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Deetaan Ministira Qonnaa Saanii Radii, Sagantaa Ashaaraa Magarisaa bara 2013/14’n biqiltuuwwan dhaabbaman sadarkaa biyyaalessaatti biqiltuu biliyoona 6, biqiltuun biyyoota ollaatti dhaabbaman immoo biliyoona 1 akkasumas biqiltuuwwan haala adda addaan badan bakka buusuuf biqiltuu biiliyooan 1 walumaagalatti biqiltuu biliyoonni 8 qophaa’u himaniru.

Sagantaa Ashaaraa Magarisaa marsaa itti aanuu kana raawwachisuuf naannooleen baajata Birrii miiliyonna 60 ramadamu himaniru.Sagantaa Ashaaraa Magarisaa darbanitti biqiltuuwwan dhaabbaman harki (%)80 ol lafa qabachuu Obbo Saaniin himaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015