Konkolaatootta hedduu keessummessuu fi heddummina tajaajilaatin kan miidhame daandiiin laga Gibee-Jimmaatif suphaan taasifama jira.

Finfinnee, Muddee 27, 2013 (TOI)- Konkolaatootta hedduu keessummessuu fi heddummina tajaajilaatin kan miidhame daandiiin laga Gibee-Jimmaatif suphaan taasifama jira.

Daandiin laga Gibee- Jimmaa dheerina kiilo meetira 167 qaba.Abba Taayitaa Dandiiwwan Ityoophiyaatti distiriktii Jimmaatiin hojiin suphaa kun raawwatamaa kan jiru.

Hoji gaggeessaan Distiriiktichaa obbo Solomoon Dammaqaa, daandiin laga Gibee-Jimmaa faayidaan diinagdee fi hawaasummaa laatu ilaalamuun suphaan taasifamuu murteessaa ta’uusaatin hojichi eegaleera jedhan.

Hojii suphaa kanaafi baajanni Birrii miiliyoonni 60 ol kan qabameef yoo ta’u, hojichi haala gaariin raawwatamaa jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015