Waliigalteen galmee galmeessaafi mirkaneessa ragaalee bu’uraa biyyattii cimsuu dandeessisu taasifame.

112

Finfinnee,Muddee 27, 2013(TOI) – Waliigalteen galmee galmeessaafi mirkaneessa ragaalee bu’uraa biyyattii cimsuu dandeessisu taasifame.

Ejansiin Galmeessaafi Mirkaneessa Ragaalee Bu’uraa Lammiilee Immigireeshinii, galmee galmeessaafi mirkaneessaa ragaalee bu’uraa biyyatti cimsuuf Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaafi Waldaa Deechistoota Itoophiyaa waliin waliigaltee mallatteesse.

Galmeen galmeessaafi mirkaneessa ragaalee bu’uraa Itoophiyaa kan biyyoota biroon walbira qabamee yemmuu ilaalamu baay’ee gadi aanaa ta’uun ibsameera.Daarektarri Olaanaan Ejansii Galmeessaafi Mirkaneessa Ragaalee Lammiilee Immigireeshinii obbo Muujiib Jamaal akka himanitti; waliigaltichi raawwii galmee galmeessaafi mirkaneessa ragaalee bu’uraa biyyattii fooyyeessuuf kan gargaaruudha jedhaniiru.

Kanaafuu qaamolee qooda fudhattoota galmichaa wajjiin qindaa’uufi walta’uun hojjechuun barbaachisaa ta’uus himaniiru.Dhaabbileen Amantaa hordoftoota isaaf tajaajila gaa’ilaa, gaa’ila hiikuu, guyyaa dhalootaafi tajaajila awwaalchaa kan kennan ta’uurraa kan ka’e galmee galmeessaafi mirkaneessa ragaalee bu’uraa fooyyeessuun jijjiirama fiduuf gahee olaanaa akka qaban ibsaniiru.

Bakka bu’oonni Dhaabbilee Amantaa gama isaaniin ragaalee bu’uraa galmeessuun hawaasaafis ta’ee mootummaaf faayidaa guddaa akka qabu dubbataniiru.Kanaaf ummata barsiisuufi hubachiisuuf ittigaafatamummaa isaanii akka bahatan waada galaniiru.

Pireezidaantiin Waldaa Deechistootaa Itoophiyaa obbo Zanabee Akkalee, waliigalteen irra gahame galmee galmeesa ragaalee bu’uraa biyyattii fooyyessuun jijjiirama fiduu akka danda’u amantaa qaban himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015