Hoggantoonni fi hojjettoonni Immigireeshinii Maallaqa fudhachuun karaa seeraa alaa gara biyya alaatti ergaa turan too’ataman.

59

Finfinnee, Mudde 27,2013(TOI)- Hoggantoonni fi hojjettoonni Immigireeshinii Maallaqa fudhachuun karaa seeraa alaa gara biyya alaatti ergaa turan too’ataman.

Lammiilee karaa seeraan guutuu dadhaban maallaqa guddaa fudhachuun karaa seeraa alaa gara biyya alaatti ergaa kan turan hoggantoonni fi hojjettoonni Imigireeshinii akkasumaas, maqaa Ejansii seera qabeesa Hojjechiisaa fi Hojjetaa wal qunamsiisuun namoota socho’an too’atamuu Tajajjilli Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa kaleessa beeksiseera.

Tajajjilli Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa ibsa kenneen Ejansiin Galmeessaa Ragaalee Bu’uuraa fi Immigireeshinii Lammummaa damee buufata xiyaaraa idil addunyaa Boolee kan hojjetan hoggantootaa fi hojjetoota karaa seera qabeessaan namoota gara biyya alaatti erguuf kan hundaa’an Eejansiiwwan hojjetaa fi hojjechiisaa walqunamsiisan waliin ta’uun adeemsa guutamuu qabu otuu hin guutiin namoota gara alaatti ergaa turan.

Tajajjilli Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa garee biiroo qorannoo yakkaa Komishinii Poolisii Fedeeraalaa waliin ta’uun, namoota 21 gocha kanatti hirmaataniiru jedhe shakkaman too’achuu ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015