Godina Matakkalitti namoota qe'eefi qabeenya isaanirra buqa'aniif deeggarsa birri miiliyoona 50 walitti qabuuf hojjetama jirachu himame.

71

Finfinnee, Mudde, 24/2013(TOI)-Sabaabaa rakkoo nageenyaa uumameen naannoo Beenishaangul gumuuz godina Matakkalitti namoota qe'eefi qabeenya isaanirra buqa'aniif deeggarsa birri miiliyoona 50 walitti qabuuf hojjetama jirachu himame.

Bakka bu'an bulchinsa naannoo Beenishaangul gumuuz obbo Babakaarii Kaliifaa akka Tajaajila oduu Itoophiyaatti himanitti, godina Matakkalitti sababaa rakkoo nageenyaan namoonni kumni 100 qe'ee fi qabeenya isaaniirra buqa'aniru.

Mootumman naannichaas namoota buqaa'an kana deebisanii dhaabuu fi gargaaruuf karoorawwaan adda addaa qopheessee hojjechaa jira jedhaniru.Karoora kana galmaan gahuufis koreewwan adda addaa hunda'anii jiru.

Godina Asoosaa fi Kamaashii akkasuma aanaa addaa Maa'oo koomoo fi bulchiinsa Magaalaa Asoosaatti hawaasa waliin maryachiisuun jalqabameera jedhaniru.

Gargaarsi walitti qabamus dhaabbilee mitii mootummaa, abbootii qabeenyaa, hojjeetoota mootummaa fi qamoolee hawaasaa biroo kan hammatudha jedhaniru.

Gargaarsi walitti qabamuuf karoorfame kun guyyoota 15 keessaatti akka rawwatamuus himaniru.

Gargaarsi waliitti qabamuus mallaqaa fi waantoota biroon kan jiru yoo ta'u waliigalaan birri miiliyoona 50 walitti qabuuf kan karoorfame ta'uu himaniru obbo Babaakiriin.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015