Weerarri marsaa lammaffaa tibba kanaa godinoota omishtummaa Olaanaa qaban Baale lamaan dabalatee Harargee lamaanittis mul'ateera

120

Finfinnee, Mudde, 23/2013(TOI)-Homaan Awwaanisaa baha Afrikaatti irra deddeebiin weeraree miidhaa qaqqabsiisaa jiru kuni jalqaba bara kanaatti Oromiyaa gama bahaa Hanga shawaa Bahaatti jiru weeraruun omisha miidhaa ture.

Homaan Awwaannisaa kuni tibba kanas Somaaliyaa irraa ka'uun marsaa lammaffaadhaaf Oromiyaa weeraree jira.Hogganaan Biiroo qonnaa Oromiyaa Obbo Dhaabaa Dabalee BBC'tti akka himanitti hoomaan awwaanisaa ji'a lamaan dura godinaalee Oromiyaatti mudatee ture miidhaa cimaa osoo hin geessisne too'atemee ture.

"Weerara marsaa tokkoffaa irratti miidhaan kan gahe Godina Harargee lamaanitti.Boqqoolloo, mishingaa fi kuduraa fi muduraa irratti miidhaa geessisee ture. omisha waliigalaa keenyarraa miidhaa geessiseen yoo laalli xiqqaadha. Dhibbeentaa 0.6 qofaadha" jedhan.

Weerarri marsaa lammaffaa tibba kanatiinis godinoota omishtummaa Olaanaa qaban Baale lamaan dabalatee harargee lamaanittis mul'ateera.Iddoowwan amma weerarri kuni itti mul'ate bakka omishni jiru waan ta'eef saffisaan hojiin qoricha biifuu hojjetamaa jiraachuus eeran.

"Hoomaan marsaa lammaffaa mudate kuni cimaadha. Kanaaf osoo qabeenyarratti badii addaa hin geessisin xiyyaaraa fi konkolaataadhaan qorichi biifamaa jira. Xiyyaara hedduutu hojii kanarratti bobba'ee jira. Godina Baale lamaan keessaa samoona nibaasna." Jedhan.Weerarri hoomaa Awwaanisaa marsaa marsaadhaan dhufaa jiru kuni sadarkaa humnaa ol ta'urra kan hin jirre ta'uus obbo Dhaabaan himan.

Maddi:- BBC News Afaan Oromoo

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015