Komishiniin Mirga namoomaa Itoophiyaa ajjeechaa Artisit Haacaaluu Hundeessaa hordofee dhiitta mirga namoomaa raawwatamee irratti gabaasa dhiheesse. - ENA Afaan Oromoo
Komishiniin Mirga namoomaa Itoophiyaa ajjeechaa Artisit Haacaaluu Hundeessaa hordofee dhiitta mirga namoomaa raawwatamee irratti gabaasa dhiheesse.
FINFINNEE,Mudde,23/2013(TOI)-Komishiniin Mirga namoomaa Itoophiyaa ajjeechaa Artisit Haacaaluu Hundeessaa hordofee dhiitta mirga namoomaa raawwatamee irratti gabaasa dhiheesse.
Gabaasni kunis naannoo Oromiyaatti magaaloota 40 keessaatti sarbama mirga namoomaa raawwatee qorachuun kan dhiyaatedha jedhamera.
Komishineeraa komishiinicha kan ta'an doktara Daani'eel Baqqalaa dabalatee ogeeyyoonni biroon gabaasicha ilaalchisuun miidiyaaleef ibsaa kennaa jiru.
Magaaloota 40 kanneen gabaasichi hammatee kanatti ogeeyyoonni baay'inaan 30 ta'an qorannoo taasisuu isaanii ibsamera.
Qorannoon kun guyyaa artisit Haacaaluu Hundeessaa ajjeefame irraa jalqabee guyyaa 3 keessaatti sarbama mirga namoomaa raawwatee kan hammatedha jedhamera.
Qorannoo kanaanis ragaaleen gaaffii fi deebii namoota rakkichii irra gahee 328 , suuraa, Viidiyoo fi saagaleen dhiyaataniru.
Akka gabasaa kanatti namoota irratti balaa hamaan kan qamaa gaheera. lubbuun isaaniis haala sukkanneessan darbeera, bakka jireenya isaanirraa buqqaa'aniru, qabeenyii isaaniis barbaadaa'era.
Kanaanis namoonnii 123 lubbuu isaanii dhabaniru. Kanneen 520 ta'an immoo miidhaan qaamaa irra gaheera jedhamera.