Rakkoo gama geejibaan jiru furuuf kafaltii jalqaba harka 30 kanfaluun abbaa konkolataa ta’uu danda’amaa jedhe Dhaabbanni Heeloo Konkolaataa.

114

FINFINNEE, Mudde 22/2013(TOI)-Rakkoo gama geejibaan jiru furuuf kafaltii jalqaba harka 30 kanfaluun abbaa konkolataa ta’uu danda’amaa jedhe Dhaabbanni Heeloo Konkolaataa.

Dhaabbanni Heeloo Konkolataa rakkoo gama geejibaan jiru furuuf Baankii Debuub Gloobaal waliin ta’uun hawaasn bifa salphaan abbaa konkolataa ta’uu kan isa dandeessissuu filannoo dhiyaasuu Hundeessaan Dhaabbataa Heeloo Konkolataa, Obbo Daani’eel Yohaannis himan.

Konkolattoonni dhiyaataan kunneenis konkolatoota haaraa faalama qilleensa irraa bilisa ta'anidha jedhameera.Dhaabbatichi baankii Deebuub Gloobaal waliin ta’uun kafaaltii jalqabaa harka 30 kanfaluun abbaa konkolataa ta’uun akka danda’amuufi kan hafe immoo waggaa 7 keessatti kanfaluun akka danda’amuu himan.

Baankii Debuub Gloobaaltti daarikteerrii Maarkeetingi gaaffii dhaabbatichi dhiyeesse fudhachuun gara hojitti galamuu himan. Haaluma kanaanis namoonni konkolataa bitachuu barbaadanis Dookumeentii barbaachisa ta’e dhiyeessuun kafaltii jalqabaa kaffalanii liiqaa barbaadan rakkoo tokko malees argachuun abbaa konkolataa ta’uun danda’u jedhaniiru.

Konkolattoonni kunneenis rakkoo geejibaa Magaalaa Finfinnee keessa jiru furuuf jechaa koodii 3 fi 2 qophaa’uus himan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015