Dhaabbilee Barnoota Olaanootti konfiraansiin Qorannoo Biyyoolessaa 3ffaan Adaamaatti taa'amaa jira Waltajjicharrattis Dhaabbileen saayinsiifi Barnoota Olaanoo irratti hirmaatanii jiru.

59

Finfinnee, Mudde 22,2013(TOI)-Dhaabbilee Barnoota Olaanootti konfiraansiin Qorannoo Biyyoolessaa 3ffaan Adaamaatti taa'amaa jira Waltajjicharrattis Dhaabbileen saayinsiifi Barnoota Olaanoo irratti hirmaatanii jiru.

Waraqaan Qorannoos Hayyootaan dhiyaateera;ciminni hedduun jiraatuus, hanqinaaleen Dhaabbilee Barnootaa Mootummaafi Dhuunfaa keessatti mul'atan kanneen akka rakkoo qulqullina nyaataafi yeroon dhiyeessuu dhabuu, rakkoo bulchiinsa, rakkoon bulchiinsa mul'achuu, Hanqina doormiterii mul'achuu dhiyaateera.

Daayirekterri Olaanaa Wiirtuu Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Dr Habtaamuu Takkaa Humna leenji'e dhaabbatichi horachuu himan.Gurma'insa Dhaabbilee cimsuurratti hojiin hojjetamuu Hojiin bu'uura seeraa hojjetamuu, jijjiirama akka biyyatti dhufe keessatti xiyyeeffannoon hojjechuu ,karoora Badhaadhinaa bahe Qorannoo fi Qo'annoon milkeessuuf hojjechaa jiraachuu himan.

Ministirri Deetaan Dhaabbilee Saayinsiifi Barnoota Olaanoo Dr Saamu'eel Kifilee Dhaabbilee Barnootaaf qorannoofi leenjiin ajandaa ijoodhaa jedhan. Jijjiirama barbaadamu fiduuf qindoominni qaamolee hundaa murteessaadhaa jedhan.

Waltajjicharrattis Dhaabbilee Barnoota Olaanoorraa fi qaamoleen dhimmichi ilaaltu hirmaachaa jiru.

Maddi:- OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015