Sadarkaa Biyyaatti sochiin namoota HIV/AIDS'f saaxilamoo ta’anif yaalii fi qorannoo taasisuuf eegalame.Sochii kun ji’oota jahaaf kan turu ta’uuibsameera

62

Finfinnee, Muddee 22, 2013 (TOI) – Sadarkaa Biyyaatti sochiin namoota HIV/AIDS'f saaxilamoo ta’anif yaalii fi qorannoo taasisuuf eegalame.Sochii kun ji’oota jahaaf kan turu ta’uuibsameera.

Qaamoolee raawwataa, hooggantoota federaalaa fi naannoole irraa waltajji kanarratti argamanif haasawa kan taasisan Ministir Deettaa Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa,weerarri Vaayrasii koroonaa tajaajilooota miidhee keessa namoota HIV/AIDSf saxilamoo tahaanif hojiin qorannoo isa tokkoo tahuus himaniru.

Bara Faranjootaa 2020tti namoota vaayirasi HIV/AIDSf saaxilamoo tahan qorachuun 90% irra gahuuf karoorfamee keessaa raawwiin isaa 79% qofa waan taheef, isa kana ji’oota 6n itti aanaanitti xiyyeeffannaan hojjatamuu akka qabu Dooktar Darajjeen hubachiisaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015