Atileet Ganzabee Dibabaa Fiigicha Kilomeetira 5 Barseloonaatti fiigamuun rakaardii addunyaa foyyeesuuf ni morkattii jedhame.

80

Finfinnee, Mudde. 22/2013(TOI)-Atileet Ganzabee Dibabaa Fiigicha Kilomeetira 5 Barseloonaatti fiigamuun rakaardii addunyaa foyyeesuuf ni morkattii jedhame.

Atileettiin shaampiyoonaa atileetikisii addunyaatti shaampiyoonaa taateefi rikaardii figichaa meetira 1500n qabduu Ganzabee Dibaabaan fiigicha amma borumtaa bara haaraa faranjootattti figamuu kan Km 5 fiiguuf jirtuun Atileetii Nezarlaand kan taatee atileet siifaan Hasaniin rikaardii qabamee jiru ni foyyeessiti jedhamee eegamaa jira.

Atileet Siifaan Hasaan fiigicha KM 5 kana daqiiqaa 14 fi sakoondii 44 xumurinidha rikaardii isaa kan harkatti galfatte.

Fiigicha kanarratti Qixisuu Ganzabee kan taate obboleettiin ishee Anaa Dibaabaan akka hirmattus gabaafamera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015