Naannoo Tigraayitti gargaarsi namoomaa ariifachiisaan taasfamaa jiru haala gaariin itti fufaa kan jiru ta'uu hojii geggeessan olaanaa bulchiinsa yeroo naannoo Tigiraay doktar Muluu Naggaa himan. - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Tigraayitti gargaarsi namoomaa ariifachiisaan taasfamaa jiru haala gaariin itti fufaa kan jiru ta'uu hojii geggeessan olaanaa bulchiinsa yeroo naannoo Tigiraay doktar Muluu Naggaa himan.
Finfinnee, Mudde,22/2013(TOI) - Naannoo Tigraayitti gargaarsi namoomaa ariifachiisaan taasfamaa jiru haala gaariin itti fufaa kan jiru ta'uu hojii geggeessan olaanaa bulchiinsa yeroo naannoo Tigiraay doktar Muluu Naggaa himan.
Ijarsa kaabinee naannichaa keessaattis sabaaba ilaalicha siyaasa nomoonni dhuunfaas ta'ee paartiin siyaasaa keessa hafuu hin jiru jedhaniru.
Hojii geggeessan olanaan bulchinsa yeroo naannoo Tigiraay doktar Muluu Naggaa akka Tajaajila oduu Itoophiyaatti himanitti bulchinsii yeroo naannichatti hunda'ee haga ammaatti hojiiwwan milkaa'oo hedduu hojjechaa jira.
Bulchinsi yeroo naannichatti hunda'ee jalqaba namoota meeshaa waraanaa hidhatanii jiran hikkachisu, tajaajiloota uummataa adda citanii turan deebisuu fi kaabinee naannichaa ijaruun gara hojiitti galchuu irratti xiyyeeffatee hojjechu himaniru.
Haga ammaatti namoonii meeshaa waraanaa hidhatanii jiran hudduun meeshaa harka isaani jiru humna nageenyaatti deebisa jiru. Milishoonni baqatanii turaniis meeshaa hidhatanii jiran deebisuun gara bakka jireenya isaaniitti deebi'aa jiru jedhaniru.
Hojjettoonni mootummaa kanneen yakkaan hin barbadamnees hojii isaanitti deebi'aniru. Kaabineen naannichaa immoo dhaabbilee siyaasa warra seera qabeessa ta'aniif kan naannicha keessa socho'aan hundaa hammatee hunda'e jedhaniru.
Garagaarsa cimaa mootumman Fedelaaraa taasiseen Kibbaa Tigraay hangaa Addigiratitti tajaajila Elekitirkaa adda citee jiru deebisanii sirreessuun akka danda'amees himaniru.
Gara fuula duraattis tajaajilicha bakka hundaattu jalqabsiisuuf tattaaffin tasifamaa jirachuu Doktar Muluun himaniru.
Jiraatoota naannicha waliin marii ta'ameen waliin hojjechuuf walii galuu isaanii doktar Muluun himaniru.Marii ta'amee irrattis hirmatoonni marichaa irratti hirmaatan loogii tokko malee yaada isaanii bilisaan akka ibsataan ta'eera.
Naannoo Tigraay deebisanii dhabuuf hojii hojjetama jiru keessattis mootummaan Federaalaa gargarasa cimaa tasisaafii jirachuu himaniru.