Manneen Barnootaa Waajjira Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon ijaaraman wal harkaa fudhinsaaf qophii ta’uu himame.

95

Finfinnee, Muddee 21, 2013(TOI)- Manneen Barnootaa Waajjira Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon ijaaraman wal harkaa fudhinsaaf qophii ta’uu himame.

Manneen Barnoota kutannoo Waajjira Giifti Duree Zinnaash Taayyachoon ijaarsa irratti argaman keessaa ijaarsiisaanii xumuramee tajaajilaaf kan gahan dabalataan manneen barnootaa ijaarsiisaanii xumuramee walharkaa fudhinsa fi tajaajilaaf kan qophaa’an ta’uu waajjirichi beeksiseera.

Daariktarri Waajjira Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo, Obbo Muluuqen Fantaahuu, Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti akka himanitti, piroojektoota Dhaabbilee Barnootaa waajjirri giiftii duree ijaarsise baay’een isaanii xumuramaa jiraachuu himaniiru.

Manneen Barnoota kana dura ijaarsiisaanii kan xumurame hojii kan eegalan yoo ta’uu dabalataan manneen barnootaa ijaarsiisaanii xumuramee wal harkaa fudhinsaa fi tajaajilaaf qophii ta’uu himameera.

Manneen Barnootaa ijaarsiisaanii xumuramee wal harkaa fudhinsaaf kan gahan Naannoo Affaar Dubittii, Naannoo Gambeellaa Godina Anyuuwaak, Naannoo Beenishaangul Gumuz Asoosaa fi Godina Matakkal, Naannoo Somaalee Godina Jigjiigaa, Magaalaa Dillaaaanoolee 02 fi 06, Naannoo Amaaraa Kaaba Gondor, Magaalaa Dabaarqi fi Godina Waaghimiiraa kan ijaaraman ta’uu himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015