Hawaasa Diyaaspooraa keessatti miirri tokkummaafi kaka’umsaa uumame itti fufiinsa akka qabaatuuf hojjetamaa jira

61

Finfinne Mudde 20/2012(TOI) – Hawaasa Diyaaspooraa keessatti miirri tokkummaafi kaka’umsaa uumame itti fufiinsa akka qabaatuuf hojjetamaa jiraachuu Eejansiin Diyaaspooraa Itoopiyaa beeksise.

Hawaasa Diyaaspooraa keessatti miirri kaka’uumsaafi tokkummaa uumame cimee akka itti fufuuf misooma biyyaarratti Diyaaspooraan akka hirmaataniif hojiileen dadeessisu hojjetamaa jiraachuu Eejansiin Diyaaspooraa Itoophiyaa beeksise.

Daarikterri Olaanaa Eejansichaa aadde Selamaawit Daawwit marii Diyaaspooraa Afrikaa kibbaatti mari’atameerratti dhimmicha ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.

Eejansichi lammiilee Afrikaa kibbaa jiraatan, miseensoota diyaaspooraa, hooggantoota hawaasaafi qindeessitoota, abbootii amantaa, bakka bu’oota waldaa daldalaafi qaamolee miidiyaa waliin muddee 18,2013 marii taasiseera.

Miseensonni Diyaaspooraa hirmaannaa gama daldalaafi invastimantiin, ce’umsa beekumsaafi dhimmoota misooma biyyaa irratti taasisaa jiran daran cimsanii gahee isaanii akka bahatan aadde Selamaawit gaafataniiru.

Hirmaatoonni kunneen gamasaaniin hirmaannaa waldaa hawaasa Itoophiyaanootaa calmaatti akkaataa cimsuun danda’amurratti waliigalaniiru ragaan Dubbii Himaa Ministeera Dhimma alaarraa argame ni mul'isa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015