Sagantaa misooma waliinii bulchiinsa magaalaa Finfinnee waliin waliigalameen deeggarsa bulchiinsi magaalichaa godhuun Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinneetti,bara kana sagantaan nyaata barattootaaf dhiyeessuu manneen barnootaa sadrkaa 1ffaa keessatti hojiirra ni oola jedhame. - ENA Afaan Oromoo
Sagantaa misooma waliinii bulchiinsa magaalaa Finfinnee waliin waliigalameen deeggarsa bulchiinsi magaalichaa godhuun Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinneetti,bara kana sagantaan nyaata barattootaaf dhiyeessuu manneen barnootaa sadrkaa 1ffaa keessatti hojiirra ni oola jedhame.
Finfinnee,Muddee 15/2013(TOI)-Sagantaa misooma waliinii bulchiinsa magaalaa Finfinnee waliin waliigalameen deeggarsa bulchiinsi magaalichaa godhuun Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinneetti,bara kana sagantaan nyaata barattootaaf dhiyeessuu manneen barnootaa sadrkaa 1ffaa keessatti hojiirra ni oola jedhame.
Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa Godina Addaa Oromiyaa obboo Firakiyyaa Kaasaahuun akka ibsaniitti, sagantichi manneen barnootaa sadrkaa 1ffaa godinichi qabu 298 keessatti hojiirra oolfama. Sagantaa waliin misoomuu bulchiinsa magaalaa Finfinnee waliin walii galameen bulchiinsi magaalichaa dhimmoota nyaata barattootaa,yuniifoormiifi meeshaalee barnootaa deeggarsa gochuuf walii galameera .
Haaluma kanaan sagntaa nyaataa manneen brnootaa keessatti eegalsisuuf bajata birrii miliyoona 669 ramadeen,manneen barnootaa sadarkaa tokkooffaa godinichaa keessatti iddoon nyaata itti bilcheessan fi nyaata itti nyaatan qophaa’aa akka jiru obboo Firkiyyaan ibsaniiru.Sagantaa kanaaniis barattoonni kuma 100 fi kuma19 ol fayyadamoo ni ta’u jedhameera.
Maddi:- OBN