Atileetoota qoricha qoracha humna keennu (Dooppiingii ) fayyadamuun seera cabsan irratti adabbiin murtaa’e.

145

Finfinnee,Muddee 14/2013(TOI)- Atileetoota qoricha qoracha humna keennu (Dooppiingii ) fayyadamuun seera cabsan irratti adabbiin murtaa’e.

Atileetoota qoracha humna keennu fayyadamuun seera cabsan irratti adabbiin murtee darbuusaa Waajjirri Farra Qoricha Humna Dabalu Biyyaaleessaa beeksise.

Waajjirichi akka himetti, Atileetiin Wandaaweesen Katamaa fi Atileet Iyoob G/Sillaasee qoricha dooppingitti fayyadamuun seera cabsuun shakkamanii adabbii yeroorra turuun dhimmiisaanii qoratamaa turuusaa hubachiiseera.

Qorannoo dabalataa gaggeeffameen Atileetiin Iyoob G/Sillaassee A.L.A Guraandhala 02,2020 tti Taayilaanditti wal dorgooommii gaggeeffame irratti qoricha ‘’Cathinone’’ kan jedhamu Ispoortii kan cimsuu kan dhorkame fayyadamuuusaa mirkaa’eera.Kana waan ta’eef atileetichi A.L.A Ebla 03 bara 2020 irraa eegalee waggoota afuriif wal dorgoommii itti fufinsa qabu irratti akka hin hirmaanne murteen darbuusaa beeksiseera.

Haaluma wal fakkaatuun atileetiin Wadaawosen Katamaa Maammoo sanada sobaa dhiheessussaa mirkanaa’u Seera Farra- Dooppingii keeyyata 2.5 irratti tumame darbuusaa fi qoricha dooppingitti fayyadamuun seera cabsuun mirkaa’uusaani adabbii duraa hanga Guraandhala 01 bara 2024tti A.L.A wal dorgoommii kamiyyuu irratti akka hin hirmaanne murteen darbeera.

Kanamalees dabalataan Gurraandhala 01, 2024 irraa eegalee waggoota sadeeti itti aananiif hanga Gurraan dhala 01, 2032tti dorgoommi ispoorti kamiyyu irratti akka hin hirmaannee adabbiin ittisaa irra kaa’ameera.Fuuldurrattis hojiin to’annoon qorannoo kan itti fufuu tahu waajjirichi fuula feesbuukiisaarratti maxxanseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015