Raayyaan Ittisaa Biyyaa humnoota garee juuntaa bittinaa’ani jiran to’achaa jira jedhan Mejar Jeneraal Idaalkachoo Waldaakidaan.

218

Finfinnee, Mudde,14/2013- Raayyaan Ittisaa Biyyaa humnoota garee juuntaa bittinaa’ani jiran to’achaa jira jedhan Mejar Jeneraal Idaalkachoo Waldaakidaan.

Mootummaan garee juuntaa irratti duula tarkaanfii seera kabachiisu torbee sadiif fudhachaa ture xumuruun yakkamtoota adamsaa jira jedhame.

Naannichaatti naannawa hunda keessatti nageenya amansiisaa fi waliitti fufiinsa qabu uumuuf yakkamtoota adamsuun to’annoo jala oolchuun, seeratti dhiyeessuf hojjetama jira jedhameera. Hidhattoonni garee juuntaa guutumaan guututti kan to’ataman yoo ta’uu, naannawaa kamuu to’achaa fi bulchaa kan hin jirre ta’uun ibameera.Yeroo ammaa Naannoo Tigraayif deeggarsi namoomaa kennamaa akka jiruufi hawaasni gara jireenya isaa idileetti deebi’eras jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015