Waajjirri Qindeessaa Pirojeektii Sirna Qabiinsa Ragaa lafa Magaalota Oromiyaa, Hojii haal duree Kadastara magaalota 8 keessatti hojjetamuuf ogeeyyii, gaggeessitootaafi Waldaalee IMX hojicha hojjetaniif leenjii kenne.

132

Finfinnee,Mudde14/2013-Waajjirri Qindeessaa Pirojeektii Sirna Qabiinsa Ragaa lafa Magaalota Oromiyaa, Hojii haal duree Kadastara magaalota 8 keessatti hojjetamuuf ogeeyyii, gaggeessitootaafi Waldaalee IMX hojicha hojjetaniif leenjii kenne.

Itti gaafatamaan Waajjira Qindeessaa Pirojeektii Sirna Qabiinsa Ragaa Lafa Magaalota Oromiyaa, Injiner Girmaa Raggaasaa, Magaalota 46 keessatti hojiin lakkoofsaa fi gurma'insa qabiyyee lafaa adeemsifameen Magaalota 35 keessatti guutummaan guutuutti hojiin gurmaa'insa qabiyyee lafaa hojiirra oolee jiraachuu himan.

Bara kanas Magaalota 8 keessatti Cittuun lafaa kuma Kudha 14 lakkoofsii fi gurma'insi qabiyyee lafaa ni raawwatama jedhaniru jechuun OBN gabaasera

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015