Naannoo Affaaritti manneen hojii mootummaa 4 Ajaaja Bahaatti miseensota kutaa waraanaa meekanayizdii Sardoo 6ffaa deeggaran. Deeggarsi kunis re’oota 100 kan Birrii kuma 150 olitti tilmaamaman jedhameera.

76

Finfinnee Mudde 14/2013(TOI)- Naannoo Affaaritti manneen hojii mootummaa 4 Ajaaja Bahaatti miseensota kutaa waraanaa meekanayizdii Sardoo 6ffaa deeggaran. Deeggarsi kunis re’oota 100 kan Birrii kuma 150 olitti tilmaamaman jedhameera.

Hogganaan Biiroo Qonnaa,Beeyiladootaafi qabeenyaa uumamaa naannichaa Obbo Alii Huseen, Raayyaan Ittisa Biyyaa kutaa biyyatti kaabaatti haleellan irra qaqqabee, saba hundaarra walitti babba’ee waan ta’eef dhimma hunda keenyati,kanaaf immoo Ummanni Affaar Itiyoophiyaanummaa isaa dabarsee hin laatu jedhan.

Hogganan garee koominikeeshinii indoktrineeshinii kutaa waraanichaa Kolonel Abajjee Tsahaay juuntaan yeroo biyyattin hin yaadinitti tasa yoo waraana jalqabu humni addaa naannichaa raayyaa ittisaa cinaa hiriireera jedhan.

Hojii dhiyyeessi loojistiksiirrattis hirmaataniiru jedhan. Hogganan garee qajeelcha hojii faayinansii kutaa waraanichaa Kolonel Bahaayiluu Siyyuum naannichi deeggarsa garagaraa kennuun miiraa gaarii itti horuu himaniiru.

Raayyaa Ittisa Biyya irraa odeeffanne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015