Jilli aadde Daagimaawit Magasiin durfamu Ministeera Bu’uuraalee Misoomaa fi Geejjibaa Sudaan akkasumas dhaabbilee itti waamamaa damichaa waliin mari’ate

84

Finfinnee, Muddee 13/2013 (TOI) – Jilli Ministira Geejjibaa FDRI aadde Daagimaawit Magasiin durfamu Ministeera Bu’uuraalee Misoomaa fi Geejjibaa Sudaan akkasumas hoggantoota hojii dhaabbilee itti waamamaa damichaa waliin mari’ateera.

Jilichi Ministeera Bu’uuraalee Misoomaa fi Geejjibaa Sudaan, akkasumaas dhaabbilee itti waamamu keessaa Abbaa Taayitaa Buufataa Sudaan, Geejjiba Baaburaa, Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii fi Abbaa Taayitaa Haaywey Sudaan akkasumaas hoggantootaa fi bakka buutoota Ministeera Daldalaa fi Abbaa Taayitaa Gumuruukaa waliin mari’ataniiru.

Marichi kanaan dura gama Ityoophiyaan poortii Sudaanii fayyadamuun hudhaawaan mudatan waliin sakkata’uun deebii laachuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu Sudaanitti Imbaasiin FDRI beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015