Gareen TPLF yeroo aangoorraa tureetti uummata biyyaatti irratti cubbuufi gocha suukaneessaa inni hin raawwannee hin jiru jedhan Meejer Jeneraal Shuumaa Abdataa.

82

Finfinnee,Mudde 10/2013(TOI)- Gareen TPLF yeroo aangoorraa tureetti uummata biyyaatti irratti cubbuufi gocha suukaneessaa inni hin raawwannee hin jiru jedhan Meejer Jeneraal Shuumaa Abdataa.

Keessattuu uummata biyyatti gidduutti farra sanyummaa facaasuun jalaallii biyyaa akka baduuf hojjetaa tureeras jedhan.

Itoophiyaan biyya seenaa waggaa kuma 3 ol qabdu ta’uu osoo beekuu gareen TPLF seenaan uummanni biyyatti waliin qabu waggaa 100 hin caaluu jechuun maqaa biyyaafi seenaa biyyattin qabdu balleessaa ture jedhan.

Dhaloonnii amma jirus seenaa biyya isaa akka hin beeknee fi miira injifannoo uummataa akka hin hubanneef hojjii nama qaaneessuu hojjetaa tures jedhaniiru.

Oduu sobaan dhalootaa ‘’Tulluu Raasee’’ jechuun kan ofii isaa itti hin jiraannee odeessaa hojjetaa turus ibsu Meejer jeeneraalaa Shuumaan.

Miiraa Itoophiyaanummaa dhaloota ammaa jiran keessa balleessuufi lafa hin gallees hin qabu jedhan; kanarraa darbes qabeenya uummataa saamuun, mirgaa dhala nama sarbuu, harka wayyaa jalaan biyya dadhabsiisuun fi biyyaa diinaaf dabarse kennuun yakka gurguddaa raawwachaa turusaas himaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015