Yuniiyanoonni Naannoo Oromiyaa qaala’iinsa gabaa tasgabbeessuuf omishoota garaa garaa Uummata Magaalaa Finfinneetiif dhiyeessaa akka jiran Ejensiin Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa beeksise .

118

Finfinnee,Mudde,10/2013(TOI)- Yuniiyanoonni Naannoo Oromiyaa qaala’iinsa gabaa tasgabbeessuuf omishoota garaa garaa Uummata Magaalaa Finfinneetiif dhiyeessaa akka jiran Ejensiin Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa beeksise .

Omishni qonnaan bultootaa gatii gaarii akka baasuu fi fayyadamtoonnis gatii madaalawaa ta’een omisha qonnaa akka bitataniif yuniiyanoonni naannoo Oromiyaa keessa jiran omisha isaanii gabaa Magaalaa Finfinneetiif dhiyeessaa jiru.

Yuniiyanoonni iddoo gabaa Naannoo Jamootti omisha isaanii gabaaf dhiyeessaa jiran dubbisne akka nutti himaniitti Oomisha isaanii gatii madaalawaan Uummata Magaalichaatiif dhiyeessaa jiru.

Iddoowwan gabaa 10’n magaalicha keessatti hojjetamaa jiran keessaa yeroo ammaa kana 3 tajaajila kennaa akka jiran hogganaan Ejensiin Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa obboo Ahimad Sayiid ibsaniiru .

Ijaarsi iddoo gabaa hafees hanga dhuma bara kanaatti xumuramuun tajaajila kennuu eegalaas jedhan. Bulchiinsi Magaalaa Finfinneetiis Ejensiin Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa waliin qindaa’uun , yuuniiyanoota waliin walitti hidhamiinsa gabaa uumuurratti hojii milkaa’aa hojjechaa akka jiru hogganaan Daarikteerii Itti aanaa Ejensii Waldaa Hojii Gamtaa Magaalaa Finfinnee obboo Sisaay Araggaa ibsaniiru .

Iddoon gabaa isaanii baay’ee baramaa ta’uu dhabuurraan kan ka’e gabaan isaanii dhiyeessii isaanii waliin kan wal hinginne akka ta’e kan ibsan dhiyeessitoonni omishaa , ummanni iddoo gabaa yuuniiyanoonni omisha isaanii dhiyeessaa jiraniitti argamuun gatii madaalawaan irraa bitee akka fayyadamuu dhaamaniiru.

Maddi:- OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015