Waggoottan lamaan darban Naannoo Gammoojjiitti Qamadii jallisiin misoomsuun bu’aa argame qindeessun bara kana gara naannoole birootti babal’isuun hojjechuuf karoorfamu Ministeerri Qonnaa beeksise.

92

Finfinnee,10/2013(TOI) - Waggoottan lamaan darban Naannoo Gammoojjiitti Qamadii jallisiin misoomsuun bu’aa argame qindeessun bara kana gara naannoole birootti babal’isuun hojjechuuf karoorfamu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Ministeera Qonnaatti Daarektarri Babal’ina Misooma Jallisi Xixiqqaa obbo Eliyaas Awwal hojiin misooma Qamadii bara darbe naannawa Gammoojjiitti hojjetame bu’aa qabeessaa ture.

Kanaafuu Naannoo Affaariifi Soomaleetti hojiileen hojjetaman xiyyeeffanno guddaa kan gaafatan turan, ta’uus garuu bu’aan isaa jajjabeessadha jedhan.

Bara kana hojii misooma bara darbe qindeessuun naannawa Gammoojji dabalatee Nannoo Amaaraa, Oromiyaa, Naannoo Saboota Sablammootafi Ummaatoota Kibbaatti jallisii gargaaramuun sanyii miidhaanii adda addaa oomishuuf karoorfameera jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015