Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Jiraattotni Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii Biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin ganna darbe dhaabaman Kunuunsan.

104

Finfinnee Muddee 10/2013(TOI) - Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Jiraattotni Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii Biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin ganna darbe dhaabaman Kunuunsan.

Biqiltuu dhaabuufi kunuunsuu aadeffataa jirra kan jedhan jiraattotni magaalichaa naannoo mana jireenya isaaniittis kuduraawwan adda addaa misoomsanii fayyadamoo ta'aa akka jiranis himaniiru.

Hojii Raawwachiiftuun Kutaa Magaala Aqaaqii Qaallittii Aadde Fatiyaa Mahaammad Dargaggootni, Dubartootni, Hojjettootni Mootummaa fi qaamoleen hawaasa garaa garaa kutaa magaalichaa karaa qindaa'een biqiltuuwwan dhaabaman kunuunsaa akka jiran himaniiru.

Biqiltuuwwan Ashaaraa Magariisaatiin dhaabaman keessaa harki 90 oli Sirnaan qabatanii misoomaa akka jiranis himaniiru.

Duula Kunuunsa Biqiltuu Kutaan Magaalichaa qopheesse irratti namootni kuma 2 hirmaataniiru.

Maddi OBN.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015