Komishiniin waloo Ityoo Raashiyaa waliigalteewwan biyyoonni lameen irra ga’an sadarkaa irra jiru gamaggame

50

Finfinnee, Muddee 8, 2013 (TOI)-Mootummaan Ityoophiyaa fi Raashiyaa komishinii waloo waliigalteewwan biyyoonni lameen irra ga’an sadarkaan irra jiru gamaggameera.

Hoggantoonni Komishiiniin waloo kunneen diinagdeerratti, Saayinsii, teeknikaa fi dhimmoota daldalaa irratti mari’ataniiru.Ministirrii Ministeera Barnootaa Dooktar Geetahuun Makuriyaa fi Raashiyaatti itti aanaa Ministira Ministeeraa Federeshiinii Qabeenya Umaamaa fi dhimmoota naannoo fi hogganaan Eejansii Qabeenyaa Albuudaa Federaalaa Evaagnii Kiisaalv viidiyoo konfiraansiin mari’ataniiru.

Ministiroonni lamaan bara Faranjoota Onkolooleessa 2019 irratti hoggantoonni biyyoota lamaanii Raashiyaatti dhimmota ‘Seent Ptaarsibarg’ walii galan sadarkaan irra jiru gamaggamaniiru.

Komiishinichii hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf shooraa olaanaa qabachuus ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015