Miidhaa Koorniyaa irra gahu ittisuuf hojimaata tekinooloojiin deeggarame diriirsuun akka barbaachisu, Ministeerri Innoveeshiniifi Teknoolojii beeksise.

150

Finfinnee,Mudde 07/2013(TOI)-Miidhaa Koorniyaa irra gahu ittisuuf hojimaata tekinooloojiin deeggarame diriirsuun akka barbaachisu, Ministeerri Innoveeshiniifi Teknoolojii beeksise.

Ministeerri Innoveeshiniifi Teknoolojii mata duree ‘’dhalootaa miidhaa koorniyaa dubartoota irraa gahu hin obsinee haa uumnuu’’ jedhuun Guyyaan Riivaanii adii kabajeera.

Deetaan Ministeera Innoveeshiniifi Teknoolojii Dr Yaaniyyaa Sa'idmaakii guyyaa Miidhaa koorniyaa ittisuu kabajuu qofa osoo hin taanee qabatamaan hojiitti galuun barbaachisaadha jedhan.

Miidhaa koorniyaa irraa gahu ittisuuf hojimaata Teknoolojiin deeggarame diriirsuufi haala itti fayyadama isa qopheessuu,humna keessoo jirtu itti fayyadamu,namoota waa kalaqaaniif yaada kennuufi deeggarun karaa danda’amuu irratti akka hojjetamuu himan Dr Yaaniyyaan.

Saganticha irrattis Qorannoon HIV/AIDS ,kaansarii gadameessaafi harmaa taasifamee hojii hubannoo uumuus kennameera. Guyyaan Riivaanii adii akka addunyaatti yeroo 29’ffaaf,akka biyyaatti yeroo 15’ffaaf kabajameera.

Ministeera Innoveeshiniifi Teknoolojii irraa odeeffanne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015