Sababa jijjiirraa noottii Birriin adda citee kan ture waliigalteen qabeenya kennaan dabarsuu har’aa eegalee jalqabuu Ejansiin Galmeessaa fi Mirkaneessa Sanadoota Federaalaa beeksise

66

infinnee, Muddee 7/2013 (TOI) – Sababa jijjiirraa noottii Birriin adda citee kan ture waliigalteen qabeenya kennaan dabarsuu har’aa eegalee jalqabuu Ejansiin Galmeessaa fi Mirkaneessa Sanadoota Federaalaa beeksise.

Daayreektarri olaanaan Ejansichaa Muluuqan Amaaree akka himanitti Fulbaana 7, 2013 eegalee hojmaanni dhaabbatichi nagahee baankii kaffaltii gurgurtaa qabeenya socho’aa fi hin sochoone itti raawwatame gaafachaa ture kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Tajaajiloota 51 laachaa kan jiru ejansichi tajaajila %70 ‘Online’ kan kennu ta’uu beeksiseera.Amajjii 1, 2013 tajaajila haaraa laachuu kan eegalu ta’uu ibseera.

Tajaajilli Aksiyoonnii fi Waldaaleen dhuunfaa itti gaafatamummaan isaanii murtaa’e hundeeffamuu, dambii ittiin bulmaataa fi qaboo yaa’iisaanii erguun dhimma isaanii ‘Online’ akka xumuratan kan eegalamu ta’uu eeraniiru.

Finfinnee fi Dirree Dawaatti tajaajila laachuu kan eegale ejansichi % 50 dhimmoota maatii, waliigalaa fi bakka bu’iinsa abuukaatootaa irratti tajaajila kan laatu ta’uu ibsameera.

Tajaajilamtoota qabeenya kennaa yookaa gurgurtaan dabarsan % 20 keessammeessa jedhan.Ejansichi guyyaan dhimamtootaa kuma 12 ol keessummeessaa jiraachuu ibsaniiru.

FBC gabaase

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015