Ministirri Aadaa fi Tuuriizimii Dooktar Hiruut Kaasaw Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Porchugaal Heeleenaa Malkaataa waliin mari’ataniiru.

59

Finfinnee, Muddee 7/2013 (TOI) - Ministirri Aadaa fi Tuuriizimii Dooktar Hiruut Kaasaw Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Porchugaal Heeleenaa Malkaataa waliin mari’ataniiru.

Aanga’oonni lameen hariiroo biyyoota lameenii barootaf dheeraaf ture cimsuurratti mari’ataniiru.

Itoophiyaan biyyoota Awurooppaa dura Poorchugaala waliin hariiroo mootummaa fi mootumaaa akka ture Dooktar Hiruut Kaasaw ibsaniiru.Ambaasaaddar Heeleenaa Malkaataa gama isaaniin Itoophiyaa waliin hojjechuuf dameewwan hedduun jiraachuu kaasaniiru.

Misooma tuuriizimii, oogumma harkaa, misooma Ispportii, qindoomina muuziyaamii kaneen biroo jirachuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015