Ibsa Haala Yeroo Mootummaa Naannoo Oromiyaafinfinnee Muddee

79

Finfinnee Muddee 06/2013(TOI)- Mootummaan naannoo Oromiyaa mirgaafi faayidaa ummata naannichaa kabachiisuuf boqonnaafi nuffii malee hojjechaa jira.

Tarsiimoowwaniifi sagantaalee hirmaannaafi fayyadamummaa ummatichaa mirkaneessan bocee hojiitti hiikuudhaan bu’aa qabatamaa galmeessuurratti argama.

Buhaaba’iiwwaniifi qormaatileen hangi fedhe jiraatanillee, dhimma nageenya amansiisaa mirkaneessuu, hojiiwwan misoomaa si’aayinaan itti fufsiisuufi ijaarsa sirnaa lafa qabsiisuu fuulleffannaa addaatiin raawwatamaa jira.

Karoora bara hojii 2013 keessatti dirree misoomaa hundarratti waan karoorsine hunda duguugnee raawwachuudhaan bu’aa qabatamaa lakkaa’amuufi ummanni irraa fayyadamu galmeessuuf hojjechaa jirra.

Misooma baadiyyaa keessatti xiyyeeffannoo addaa damee qonnaatiif kennameen bu’aa qabatamaan jiruufi jireenya ummataa geeddaru argamuu eegaleera.

Oomisha gannaa bara kanaa keessatti lafti taakkuun tokko agabuu akka hin baaneef kallattiin taa’e sadarkaa ol’aanaadhaan hojiirra ooleera.

Keessattuu, rakkoo qaala’iinsa gatii oomishaafi qabbanaa’ummaa sochii dinagdee sababa weerara idil-addunyawaa dhibee Koronaa (COVID-19)tiin uumame dandamachuuf kallattii cimaa muummicha ministiraa Dr Abiyyi Ahimadiin kenname hordofuudhaan hojiin damee qonnaa hoggansaafi hordoffii ga’aa argatee akka raawwatamu ta’aa jira.

Hoggansi sadarkaan jiru martinuu itti dhiyeenyaafi itti gaafatamummaa ol’aanaadhaan hojii damee qonnaa milkeessuuf hojjechaa jira.

Raawwii hanga ammaatti jiruun rooba gannaa ga’aa argannetti fayyadamnee, bakkeewwan qonna gannaatiif mijaa’oo ta’an hundatti oomishaalee nyaataafi gabaaf oolan oomishuu dandeenyeerra.

Kallattii bara darbeefi bara kanas taa’een oomishaalee nyaata maatiitiif oomishamaniin cinaatti, oomisha garbuu biiraa warshaalee biyya keessaatiif dhiyaatan akka alaa hin galleef kallattiin taa’e bara darbes kan milkaa’e, bara kanas kan dabalame akka ta’e mirkaneeffachuun danda’ameera.

Bifuma walfakkaatuun, bara kana oomisha qamadii biyya alaarraa galchinu oomisha biyya keessaatiin bakka buusuuf kallattiin taa’eefi raawwiin hanga ammaatti jiru abdii guddaa nuuf kenneera.

Qonna gannaatiin kilaasteraan oomishuufi galteewwan barbaachisan hunda yeroon akka dhiyaatan gochuudhaan oomishaafi oomishtummaa dabaluuf tarkaanfiin fudhatame hirmaannaa qaamolee hundaatiin daandii milkaa’inaa ol’aanaa qabateera.

Midhaan miidhaginaan oyiruu qonnaan bulaarratti mul’ate baala qofaan kan hawwatu osoo hin taane, firiin isaas kan gabbate ta’ee argameera. Akka midhaan bilchina jala ga’een qormaatileen gurguddoon lama kan uumaman ta’us, tumsa mootummaafi qaamolee hawaasaatiin dandamachuun danda’ameera.

Gama tokkoon weerarri hoomaa Hawaannisaa Itoophiyaa dabalatee gaanfa Afrikaatti mul’ate yaaddoo guddaa uumee ture. Haa ta’u malee, yeroo gabaabaa keessatti injifannee bira dabarreerra.

Isatti aansee roobni yeroo malee qisaasama oomishaa geessisuu akka danda’us raagamee ture. Haa ta’u malee, Waaqnis nu gargaaree, ummannis rakkoowwan gamaa gamanaatiif gurra osoo hin ergisin humna guutuudhaan sassaabbii oomishaarratti waan tumseef injifanneerra.

Ammas ta’u, akkaataa garaagartummaa qilleensa naannootiin bakki oomishni itti sassaabamaa jiru jiraachuun ni hubatama. Kanaafuu, tumsi itti fufiinsa qabu barbaachisaa ta’a. “Waqtiin bonaa, qonnaan bulaaf boqonnaa!” kan jedhu kanaan booda akka hin hojjenne waliif galleerra. Dhiyeessii teeknoloojii misooma jallisii mijeessuurraa hanga deeggarsa faayinaansii baadiyyaatti kutannoo mootummaan agarsiise, qonnaan bultoota keenyas honnachiiseera.

Bara kana jallisiin misoomsuu qofa osoo hin taane, oomisha gabaafi galtee industirii ta’erratti akka fuulleffatamuuf kallattiin taa’e qabatamaan hojiitti hiikamaa jira. Naannawaan gammoojjummaan beekamu hundi osoo hin hafin bishaan cimmisanii qamadii oomishuudhaaf qophii gochaa jiran mootummaan ni dinqifata.

Ammas deeggarsaafi hordoffii cimaa baratameen qonnaan bultoota tumsuufi oomishaafi oomishtummaa guddisuuf ciminaan kan hojjetu ta’uu ibsa. Xumurarrattis, qonnaan bultoonni, ogeeyyiin qonnaafi hoggansiifi caasaan mootummaa hundi keessan, sochii dinagdee rog-daneessa badhaadhina maatii mirkaneessuuf eegaltan caalmaatti cimsitanii akka itti fuftaniifi galma qabattan milkeessuudhaan quuqamaafi aantummaa dhugaa hojii qabatamaan ifu akka agarsiiftan gaafanna.

Kan karoorsine hanga raawwannutti, galmi qabanne milkaa’ee hanga agarrutti hin boqonnu!!!

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Muddee 2013 Finfinnee

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015