Daandiin xiyyara itoophiyaa itoophiyaa balalii xiyyaaraa gara magaalaa maqalee adda kutee ture ifatti jalqabe

189

Finfinnee Muddee 06/2013(TOI)- Daandiin xiyyara itoophiyaa balalii xiyyaara gara magaalaa maqalee buufata xiyyara Aluulaa Abbaa Naggaa adda kutee ture ifatti eegale.

Daandiin xiyyara itoophiyaa sababa olantummaa seeraa kabachiisuuf balalii gara maqalee taasisaa ture adda kutee ture.

Erga duulli olantummaa seeraa kabachiisuu xumuramee booda imaltoota fe’uun finfinnee irraa maqalee buufata xiyyara aluulaa abbaa naggaa galee jira.Imaltoonni wayta buufata xiyyara Maqalee Aluulaa Abbaa Naggaa gahan hoggantoota olaanoo paartii badhadhinaa Dr.Abrahaam Balaay,Miseensa bulchiinsa yeroo naannichaa Jeneraal Yohaannis Gabremeqali fi qindeessaa bulchiinsa yeroo obbo Haftaay Gabraigzaabeerin simannaan tasifameef.

Xiyyarri imaltoota fe’uun maqalee dhaqe imaltoota biro fiduun finfinnee deebi’ee jira.Hojjettoonni daandii xiyyaaraa hundi gara hojiitti kan deebi’an yoo ta’u balaliin guyyatti si’a lama gara maqalee taasifamu itti fufa jedhame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015