Tuuristoota biyya alaa gara Itoophiyaa galaniif karaa salphaadhaan Viisaa akka argataniif hojiimaanni mijaa’uu Tuurizimiin Itoophiyaa beeksise

56

Finfinnee Mudde 06/ 2013(TOI) - Tuuristoota biyya alaa gara Itoophiyaa galaniif karaa salphaadhaan Viisaa akka argataniif hojiimaanni mijaa’uu Tuurizimiin Itoophiyaa beeksise.

Addunyaarratti weerarri Vaayirasii Koronaan yaaddoo uumuurraan kan ka’e dame tuurizimii kan miidhe yoo tahu, sochii namootaa daangeessuun turiizimiin akka qabbanaa’uu taasiseera.

Yeroo dhihoo as haala tattamsa’ina weerara vaayirasii koronaa to’achuun danda’amurratti yaada ka’umsaa Ministeerri Fayyaa kennaneen hojiileen dameelee garagaraa akka ittifufan sochiin eegaleera.

Haaluma kanaan Daaniin Xiyyaaraa Itoophiyaa biyyoota garagaraatti balala’insaa irra deebiin eegaluusaatiin paakeejjiin damee tuurizimii bayyanachiisuu qopheessuun ji’a Onkololeessaa keessa garaa hojiitti seeneera jedhan.

Daareektarri Biiroo Koonveenshiinii Tuuriizimii Itoophiyaa Alamaayyahu G/Ttinsaayi, lammiileen biyyoota Afrikaa hundinu fi Biyyoonni Addunyaa 30 ol tahan wayita Itoophiyaa gahan Buufata Xiyyaaraa Booleetti haala Viisaa itti argaatan hojiimaanni diriree jira jedhaniru.

Dabalataanis daawwatoonni foormii Viisaa guutuu barbaadan bakka jiratti tajaajila akka argataniif sirni Viisaa elektrooniksii(E-Visa) diiriiruus himaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015