Koomishinarri Koomishinii Tuurizimii Oromiyaa Laliisee Dhugaa hojiilee koomishinichaa ilaalchise gaazexeessitootaaf ibsa kennaa jiru

133

Finfinnee Mudde 06/ 2013(TOI) - Koomishinarri Koomishinii Tuurizimii Oromiyaa Laliisee Dhugaa hojiilee koomishinichaa ilaalchise gaazexeessitootaaf ibsa kennaa jiru.

Komishiniin Turizimii Oromiyaa waggoota shanan dhufan keessatti seektara tuurizimiitiin carraawwwan hojii kuma 500 oli uumuuf kaaayyeffatee hojjechaa akka jiruhiman Koomishinar Laliiseen.

Komishinarri Komishinii Turizimii Oromiyaa Aadde Lalisee Dhugaan hundeeffama komishinichaa sababeeffachuun ibsa waajjira isaaniitti miidiyaaleef kennanniin, komishinichi xiyyeeffannoo mootummaan seektara turizimiif kenneen bu'aawwan gama seektarichaan argaman daran ol guddisuuf bu'uura danbii 211/2012 kaabineen Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa mirkaneesseen hundaa'uu himaniiru.

Oromiyaa sadarkaa tokkoffaa irratti turistotaan filatamtuu fi hawwattuu taate arguu mul’ata jedhu qabate hojjachaa jiraachuus himaniru.

Faayidaalee turizimiin misooma biyyaatiif fidu keessaa inni tokko carraa hojii uumuudha kan jedhan Aadde Laliseen, rakkoolee hojii dhabdummaa naannicha keessa jiru furuuf bakkeewwan hawwata turizimii naannichi qabu misoomsuudhaan jiraattoota naannoo hawwata turizimii jiraatan kuma 500 oliif waggoottan shanan dhufan keessatti carraa hojii uumuuf karoorfamuus himaniiru.

Komishinichi qabeenya turizimii naannoon Oromiyaa qabdu haalaan beeksisuuf miidiyaalee hawaasarratti fuula #Visit_Oromiyaa jedhu banatee hojjetaa akka jirus himaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015