Olompikii Tokiyoorratti atileetikisiin meedaliyaa 8 argachuuf karoorfamu Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa beeksise

89

Finfinee, Mudde,6/2013(TOI)- Olompikii Tokiyoorratti atileetikisiin meedaliyaa 8 argachuuf karoorfamu Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa beeksise.

Federeshiniin atileetiksii Itoophiyaa yaa'ii waliigalaa 24 kan idilee geggesera.

Ittigaafatamaan waajjira Federeshinichaa Bililiiny Maqoyyaan akka yaa'ii idilee kanarratti dubbatanitti, Olompikii Tokiyoo bara kana geggeeffamu irratti Ispoortii atileetiksiin atileetota 36 hirmaachisuuf karoorfame jira.

Atileetota hirmaatan kanaan meedaliyaa warqee 2, Meetii 2, Naasa 4 argachuuf hojjetama jira.

Yeroo ammaas atileetonnii 100 filamanii dorgomichaaf qophaa'aa jiru jedhaniru.Atileetoota kana keessaa kanneen gahumsaan gaarii ta'aan 36 filachuun dorgommii olompikii kanarratti akka hirmaatan ni ta'a jedhani.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015