Ameerikaan Turkirra qoqqobbii keesse

77

Finfinnee, Muddee 6, 2013 (TOI) – Ameerikaan miseensa Neetoo (NATO) kan taate Turkirra qoqqobbii kaa’uu beeksiifte.

Qoqqobbichi Ankaaraan bara darbe Misaa’eela furguugamaa Raashiyaa irraa bituu ishee hordofee ta’uu eerrameera.

Akka ibsa Ameerikaatti Misaa’eelli kun teeknooloojii NATO waliin kan walsimatuu miti.

Misaa’eelli S 400 jedhamu kun gamtaa NATOf balaa ta’uu Ameerikaan ibsiteerti.Qoqqobbiin ammaa kun Turkiin bittaa meeshaalee waraanaa fi dhimmoota walqabatan akka hin raawwanne kan dhorku ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa beeksiseera.

Turkiin gama isheen dhorkamni kaa’ame fudhatama kan hin qabne ta’uu fi Ameerikaan dhimmicha akka itti yaaddu gaafateerti.

Dhimmicha dippiloomaasiin hiikuuf kan yaallatu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa biyyatti ibseera.

Maddi:-BBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015