Mootummaan Naannoo Oromiyaa Invastimantii Naannichatti babal'isuuf xiyyeefannoon hojjachaa jira jedhame

64

Finfinnee,Mudde 5/2013(TOI)-Mootummaan Naannoo Oromiyaa Invastimantii Naannichatti babal'isuuf xiyyeefannoon hojjachaa jira jedhame.

Korporeeshiniin Misooma Paarkiwwan Oromiyaa fi Komishiiniin Invastimantii Oromiyaa waliin qindaa'uun misooma industurii paarkiwanii fi invastimantii irratti abbootii qabeenyaa waliin Finfinnee Hoteela Ililliitti marii taa’aniiru.

Marii kanarratti argamuun haasaa kan taasisan Itti Aanaan Komishinara komishiinii Invastimantii Oromiyaa Obbo Huseen Ushoo, misooma invastimantii naannoo Oromiyaa yeroo kamuu caalaa mootummaan xiyyeefannoo guddaa hojjachaa jiraachuu ibsan.

Simannaa invastarootaa fooyyessuun tajaajila iddoo tokkotti akka argatanii fi haala liqii baankota wajjiin mijeessuus ibsaniiru.Seerota ammaan dura hojii invastimantii milkeessuu keessatti hudhaa ta'an fooyyessuun dambii haaraa invastarootaaf mijataa ta'e kan qophaa'e ta'us dubbataniiru.

Mootummaan naannoo Oromiyaa abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi alaarraa dhufan haala mijataa uumun kan simatu ta'us maricharratti ibsameera.

Hojii gaggeessan Industurii Qindaa'aa Paarkii Bulbulaa, Obbo Sisaay Gammachuu gama saanitiin ibsa kennaniin Paarkiin Bulbulaa yeroo dhiyotti hojii keessa galuun tajaajila kan kennu ta'uu ibsaniiru.

Akka gabaasa Biiroo Dhimmoota Kominikeesshinii Oromiyaatti,Paarkichii kaapitaala birrii biliyoona 10 (kudhan) hojii keessa kan gale yoo ta'u, fuula duraatti carraa hojii namoota kuma dhibba tokkoof kan uumu ta'us ibsan.

Paarkichi dursa abbootii qabeenyaa biyya keessatiif kan kennu yoo ta'u,meeshaalee dheedhii kallattiidhan qonnaan bulaa irraa bituun gara indaastritti geessuun kan tajaajiluu akka ta'es ibsaniiru.

Maddi:- OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015