Walgahiin mana maree waldaa dubartoota Finfinnee 7ffaa marsaa 2ffaa ta'amera - ENA Afaan Oromoo
Walgahiin mana maree waldaa dubartoota Finfinnee 7ffaa marsaa 2ffaa ta'amera
Finfinnee,Mudde 05/2013(TOI)- Kantiibaa itti aantuun Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee walgahiin mana maree waldaa dubartoota Finfinnee 7ffaa marsaa 2ffaa kaleessa taa'amuu ibsan.
Dubartoonni garaagarummaa sabaa fi siyaasaatiin alatti ajandaan waliinii xiyyeeffannoo itti kennuu qabus jedhan Aadde Adaanach fuula feeesbuukii isaanirratti.
Ajandaalee kanniin keessaa mirgaa fi fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuu, miidhaa dubartootarra gahu ittisuun isaan hangafaas jedhan.
Kanaafuu, gufuuwwan adda baafannee tokko taanee waliin qabsaa’uunii fi dalaguun gara fuulduraatti imaluu qabnas jedhan.
Gama kanaan Filannoo biyyoolessaa bara kana taasifamuuf dubartoota gahuumsaan hirmaachisuuf baay’ee hojjachuutu nurraa eeggama jedhan Aadee Adaanach.
Waldaan Dubartoota Finfinnees adda durummaan hojimaata iftoomina qabu, walgeettiin isaa kan mirkanaaye, waan hojjatu ifatti tilmaamuu kan danda’uu fi waldaa gahuumsa dubartootaa cimsuuf dalagu ta’uu akka qabus waliigalameera jedhan Kantiibaa itti aantuun Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee.