Ministirri Muummee Dr.Abiyyi qondaalota olaanoo waliin magaalaa maqaleetti mariyatan

156

Finfinnee Muddee 4/2013(TOI) -Goonni injifatu hin dhaadatu,Hojiin agarsiisa malee; Juuntaan kan injifatame injifannoon arrabaan kan dhufu itti fakkaateeti jedhan Ministiirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad.

Dr. Abiyyi Ahimad Magaalaa Maqaleetti Hoggantoota Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin mari'atanii jiru.Itiyoophiyaan waraana biyya kamiyyuu caalaa karoorsee hojjechuufi injifachuu danda'u qabdi jedhan.

Keessattuu loltootni kuma 1 ta’an uggura garee Juuntaa jala turan oppireeshiniin itti gadhiisifaman kan baay’ee nama boonsudha jedhan.

Raayyaan Ittisa Biyyaa gartuu siyaasa kamiiyyuu osoo hin taane kan biyyaafii Uummataati.

Waraana yeroo eegallu namoonni baay’een akka hin injifannetti sodaa qaban ibsachaa turan.

Raayyaan Ittisaa Biyyaa kun yeroo gabaabaatti waraana kana akkuma xumure, namoota barbaadaman dafee qabuun seeratti dhiyeessuun dabaaluu qaba.

Kun ta’uu baannaan yeroo hojii kaanii nu jalaa qisaasessa waan ta’eef hunduu tumsuu qaba jedhan Dr. Abiyyi.Raayyaan Ittisa Biyyaa ergama kamiyyuu injifannoon xumuruu akka danda’u nutti agarsiiseera jedhan.

Yeroo waraana irra turrettis uumata keenyaaf ofeeggannoo cimaa taasifameera jedhan.

Uummanni Itiyoophiyaa fi Mootummaan Raayyaa Ittisa Biyyaa kan yeroo kamuu caalaa akka cimuuf ni hojjetas jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahmad.

Seenaa Itiyoophiyaa keessatti injifannoon booda qoodamuutu jira; kun nuuf barumsa ta’uu qaba; injifannoo argame keessatti hunduu qooda mataa isaa taphatee jira jedhaniru.

Uummanni Tigiraay ijoollee isaa ofiin filateen akka buluuf deeggarsa barbaachisu taasisuufii qabna jedhan Dr. Abiyyi Ahmad.

Mootummaan yeroo amma hundaa'es akka cimuuf Raayyaan Ittisa Biyyaa deeggarsa barbaachisu taasisuuf akka qaban dhaaman.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015