Federeeshiniin Atileetiksii Ityoophiyaa gamoo hunda galeessaa abbaa darbii 12 ijaarsisuuf dhagaa bu’uuraa kaa’eera

63

Finfinnee, Muddee 3/2013 (TOI) – Federeeshiniin Atileetiksii Ityoophiyaa gamoo hunda galeessaa abbaa darbii 12 ijaarsisuuf dhagaa bu’uuraa kaa’eera.

Dhagaa bu’uuraa kana Komishinara Komishinii Ispoortii Federaalaa obbo Eeliyaas Shikurii fi Preezdaantii Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaa Komaandar Daraartuu Tulluu kaa’aniiru.

Komishinarri Komishinii Ispoortii Federaalaa obbo Eeliyaas Shikur sagantichaarratti gamoo federeeshinichi ijaaruuf jiru kan akka deeggaran ibsaniiru.

Ministirri Deettaan Aadaa fi Tuuriizimii obbo Haabtaamuu Sisaay gama isaaniin atileetiksiin sadarkaa idil addunyaatti injifachuun kan beekamu ta’uu ibsuun, fuula durattis bu’aan akka kanaa itti fufuu qabaa jedhaniiru.

Preezdaantiin Federeeshiniin Atileetiksii Ityoophiyaa Komaandar Daraartuu Tulluu gamoon kun ijaaramuun isaa atileetiksii tarkaanfii tokko ol ni guddisa jedhaniiru.

Gamoon ijaaramu kunis, giddugala yaalaa, muuziyaamii, jimnaaziyaamii, mana dubbisaa, biiroowwanii fi kutaalee tajaajila biroo laatan kan qabu ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015