"Guddina Afaanootaaf xiyyeeffanoon kennuun uummataa gidduutti waliigaltee biyyaalessaa fiduufi wal kabajuu fi tokkummaa jiru ni cimsaa" Ministeera Aadaafi Tuurizimii

70

Finfinnee,Mudde 2/2013(TOI)-"Guddina Afaanootaaf xiyyeeffanoon kennuun uummataa gidduutti waliigaltee biyyaalessaa fiduufi wal kabajuu fi tokkummaa jiru ni cimsaa" Ministeera Aadaafi Tuurizimii.

Ministeera Aadaafi Tuuriizimiitti Mana Maree dhimmoota Imamataa Afaanii, marii dhimmaa dambii qorannoofi qo’annoo Afaanii hundeessuuf kan gargaaru irraatti qopheessuun qaamooleen dhimmi isaan ilaalatu waliin marii taa’aa jira.

Dambiin kunis kan barbaachiseefis Itiyoophiyaa keessatti Afaanoonni hedduu waan dubbatamuufi ta'uu himameera.Heerri Mootummaas Lammiileen biyyaattis Mirgaa Afaan isaanii guddifachuu akka qabus ibsus gara hojiitti jijjiiruuf garuu rakkoo guddaatu ture jedhame.

Rakkoo kana furuufis imamamta Afaanii qopheessuun barbaachisaa ta'uu eerameera.Deetaan Ministeera Aadaafi Tuurizimiitti hooggantuun Damee Aadaa Aadde Buzunesh Masarat mariin kun kan qophaa’efis imamataa Afaanii qopaa’e gabbisuuf marii kana irra galteen guddaan argamaa jedhameeti jedhan.

Dambii qophaa’e kanarrattis Afaan Amaaraa dabalate Afaan Oromoo , Afaan Tigree, Afaar fi Somaalee afaan hojii Federaalaa akka ta'aniif keessatti eeramuu Aadde Buzunash himaniiru.

EBC gabaase

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015