Inistitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa fi Inistitiyuutiin Saayinsii Ikooloojii Appilaayidii Chaayinaa damee qorannoo qonnaarratt waliin hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessan

119

Finfinnee, Sadaasa 28, 2013 (TOI) – Inistitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa fi Inistitiyuutiin Saayinsii Ikooloojii Appilaayidii Chaayinaa damee qorannoo qonnaarratt waliin hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessan.

Dhaabbileen lamaan waliin ta’uun hojiilee misoomaa fi qorannoowwan qonnaa, naannawaa, haala teessuma lafaa, ogeessota damicharratti bobba’aniif carraa barnootaa kennuufi deeggarsa maallaqaa barbaaduun humna namaa ijaaruuf waliigalteerra gahaniiru.

Damicha qorannoo fi invastimantiin deeggaruun barbaachisaa akka ta’es himaniiru.

Dameen qonnaa dinagdee Itoophiyaa keessatti gahee murteessaa akka qabu Ambasaaddar Tashoomaa Toogaa sagantaa mallattichaarratti dubbataniiru.

Guddina diinagdee waggoottaniif walitti aanuun galmaa’eef dameen qonnaa gahee olaanaa kan qabu ta’us, damicha ammayyeessuufi tiraanisfoormeeshinii qonnaa fiduun hin danda’amne jedhaniiru.

Sababa kanaaf ammoo jireenyi lammiileen damichan bulanii akka hin fooyyofne himanii, mootummaan damicha misoomsuun wabii nyaataa mirkaneessuun, omishtummaasaa harka lamaa ol guddisuuf hojjechaa jira jedhaniiru.

Wiirtuun Qorannoo Qonnaa fi Naannawaa Itoophiyaa Chaayinaatti hundeessuu fi akkasumas wiirtuu walfakkataa Itoophiyaatti hundeessuuf hojjetamaa akka jiru Imbaasii Itoophiyaa Chaayinatti argamurraa odeeffanne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015