Ummanni Oromoo bilisummaan gatii qaaliin bitate akka ija godhatu kunuunsuuun akka irraa eegmu dhaamame

151

Guraandhala 17/2011 - Ummanni Oromoo bilisummaan gatii qaaliin bitate akka ija godhatu kunuunsuun akka irraa eegamu pirezidaantii mootummaa nnaannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa dhaaman.

Pirezidaanti Lammaa Magarsaa kana kan dhaaman sirna badhaasaa gootota misoomaa naannoo Oromiyaatti qophaa'erratti haasawa taasisaniini.

"Gootonni badhaafamtan ofii keessanii badhaafamtanii beekamtii kan argattan qofa osoo hin ta'iin, dargaggeessa Oromootiif fakkeenya kan taatanidha" kan jedhan pirezidaanti Lammaan, qabeenya of harkaa qabnu lafaa fi humna namaatti fayyadamuudhaan Oromiyaa jijjiiruun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Yeroon kun yeroo carraafi hireen keenya eessa akka jiru beeknee yeroo itti dafqinee of jijjiiruu qabnuudhas jedhaniiru pireezidaanti Lammaan.

Oomishaa fi oomishtummaa guddisuu qofa otoo hin tahiin oomishni keenya gabaa keessa galee dorgomaa ta’uu qabnas jedhan.

Dargaggoon Oromoo qabeenya qa’ee keenya keessa jiru Oromoofi Oromiyaaf oolchuu akka qabu kan dhaaaman Pireezidaant Lammaan, guyyaan badhaasaa kun guyyaa barii injifannoo waggaa haaraa dukkannaafi ciinqii keessaa baanee waan taheef guyyaa seena qabeessas jechuun ibsaniiru.

"Bilisummaa gatii qaaliin bitanne akka ija godhatu kunuunsuutu nurraa eegama, walii obsuu, wal dhaggeeffachuu fi tokkummaan yoo cime bilisummaan keenya ija godhatas' jedhaniiru.

Yeroo hunda bitaa mirga ilaaluudhaan qaroominaan, qalbiin, tasgabbiin deemuu nu gaafata kan jedhan pirezidaantiin kun,  bilisummaan keenya kan ititu yoo diinagdeedhaan utubame akka ta'ee fi  diinagdeen of jijjiiruun murteessaa akka ta'e ibsaniiru.

Kaleessa caancala tokko ofirraa hiikne malee har'as caancala hedduutu jira kan jedhan pirezidaantichi, nu diiguuf fi dukkanatti nu deebisuuf kan hojjetan akka jiran qalbeeffannee gamtoomnee wal hubannaadhaan deemuun barbaachisaa akka ta'e dhaamaniiru.

Madda:OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015