Ministiirri Muummee Itti Aanaafii Ministiirri dhimma alaa Obbo Dammaqee Makonnin Ministiira dhimma alaa Deenimaark Jeppee Kofood waliin bilbilaan mari’atan.

Finfinnee, Sadaasa,26/2013(TOI)-Ministiirri Muummee Itti Aanaafii Ministiirri dhimma alaa Obbo Dammaqee Makonnin Ministiira dhimma alaa Deenimaark Jeppee Kofood waliin bilbilaan mari’atan.

Marii isaanii kanaanis obbo Dammaqaan haala yeroo ammaa Naannoo Tigiraayi keessa jiruufi deeggarsa namoomaa irratti ibsa taasisaniiru.

Obbo Dammaqeen ibsa isaanii keessatti hojiin Oppireeshinii Naannoo Tigiraayitti gaggeeffamaa ture yeroo ammaa xumuramuun Mootummaam hojii deebisanii ijaaruufii hawaasa buqqa’an deebisanii qubsiisuu irra jira jedhan,

Mootummaan Federaalaa mootummaa yeroo Naannoo Tigiraayi waliin hojii yakkamtoota barbaadaman qabee seeratti dhiyeessuu hojjechaa jiras jedhan.

Qaamoleen idil addunyaas dhiheenyatti Itiyoophiyaa waliin hojjechuufi deeggarsa namoomaa lammiileef gumaachan Obbo Dammaqaan galateeffatanii jiru.

Yeroo ammaa Mootummaan lammiilee qe’ee isaanii irraa baqatan deebisuuf Mootummaa Sudaan waliin hojjechaa akka jiru himaniiru jechuun odeeffannoon Waajjira Ministeera dhimma alaa irra argame beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015