Kutaalee Itoophiyaa Arfaasaa biqilchanitti bokkaan akka roobu eegama

Finfinnee Guraandhala 15/2011 Torbee dhufu kutaalee Itoophiyaa Arfaasaa biqilchanitti bokkaan rooba idileetti hiiqu jiraachuu akka danda'u ejensiin meetirooloojii biyyaalessaa beeksise.

Torbee dhufu naannawoota Arfaasaa biqilchaniti haalli qilleensaa jiidhaa ta'e akka dabalu eegama.

Haala kanaan naannoo Oromiyaa godinaaleen Jimma, Iluu Abbaa Booraa, Wallaggaa bahaa fi lixaa Shawaa kaabaa, Arsii fi Baalee akkasumas godinaaleen Booranaa fi Gujii fi Finfinneen rooba ni argatu.

Kana malees naannoo Amaaraarraa Walloon Kaabaa fi Kibbaa, Goojjaam bahaa fi Gondor Kibbaa, Affaar irraa zooniin 3, 4 fi 5 bokkaa rooba idileetti hiiqu akka argatan ejensiin kun ibseera.

Godinaaleen Tigraayi bahaa fi Kibbaa, Kafaa fi beenchi Maajii, Walaayittaa fi Daawuroo, Gaamoo Goofaa, Guraagee fi Hadiyyaa, Sidaamaa fi Oomoo Kibbaa iddoowwan hedduutti haaluma wal fakkaatuun bokkaa rooba idileetti hiiqu ni argatu jedhameetu eegama.

Roobni kun hojii qonnaa naannawoota arfaasaa biqilchanitti taasifamuuf, lafti jiidha akka argatu akkasumas sanyii facaasuuf mijaa'aa akka ta'e ejensiin kun beeksiseera.

Kanaaf qonnaan bulaa dabalatee qaamoleen dhimmi ilaalu qophii oyiruu qonna arfaasaa fi sanyii facaasuuf dursanii akka hojjetan ejensiin kun hubachiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015