Ambaasaaddar Dirribaa Kumaa hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu Mootummaan Naannoo Tigiraayitti hojjechaa jiru ilaalchisee Aanga’oota Biyyoota Noordiikiif ibsa taasisan

87

Finfinnee,Sadaasa.26/2013(TOI)- Ambaasaaddar Dirribaa Kumaa hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu Mootummaan Naannoo Tigiraayitti hojjechaa jiru ilaalchisee Aanga’oota Biyyoota Noordiikiif ibsa taasisan

Ambaasaaddar Dirribaan ibsa kana kan taasisan Ministeerota Dhimma alaa Siwiidin,Noorwaayifi Deenimaarkiifi.

Ibsa isaanii kanaanis mootummaan gocha gareen badii TPLF yeroodha gara yerootti raawwachaa jiru dabalaa dhufuufii dhuma irratti haleellii Raayyaa Ittisa Biyyaa Izii kaabaa jiru irratti raawwatame kan Heera Mootummaafii birmadummaa biyyaa balaa irra buuse waan ta’eef seera kabachiisuun dirqama akka ta’e kaasan.

Opireeshiniin gaggeefames tokkummaafi birmadummaa biyyaa kabachiisuuf dirqama ta’ee argamuus himan.Yeroo ammaatti hojiin oppireeshinii kanaa of eeggannoo guddaa lammiilee nagaaf taasifameen karaa milkaa’ina qabuun xumuramuu ambaasaaddar Dirribaan kaasaniiru.

Yeroo itti aanutti mootummaan hojii Naannoo Tigiraay deebisanii ijaaruu gaggeessu keessatti biyyoonni kun waliin akka hojjetaniif waamicha dhiyeessanii jiru.Waajjira Ministeera Dhimma alaa irraa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015