Dargaggoonni Tigraayi gocha badii garee juuntaa TPLF keessatti hirmaachuuf fedhii hin qaban jedhan Pirees Sekreteeriyaatin Waajjira Minsteera Billanee Siyyuum.

99

Finfinnee, sadaasa,25/2013(TOI) – Dargaggoonni Tigraayi gocha badii garee juuntaa TPLF keessatti hirmaachuuf fedhii hin qaban jedhan Pirees Sekreteeriyaatin Waajjira Minsteera Billanee Siyyuum.

Dhalatoonni naannichaa gocha badii keessatti hirmaannaa taasisuu irra jijjirama ammaa jirutti fayyadamuun jireenya isaa foyyeessuu barbaada jedhaniruGareen juuntaa waraanni ittifufee jira jechuun odeffannoo baase dhugaa irraa kan fagaate fi TPLF jalqaba irra eegale odeffannoo sobaa tamsaasaa turu ibsun, duula tarkaanfii seera kabachiisu mootummaan fudhachaa turen torbee sadii keessatti mikaa’inaan xumuramu Billanee Siyyuum turtii dhabbata raadiyoo fi TV Turkii TRT jedhamu waliin tasisaniin himaniru.

Gareen juuntaa kun tarkaanfii irratti fudhtamaa ture wayita mo’amaa dhufu, misoomawwan bu’uuraa kan barbaadeesse yoo ta’uu misoomawwan kana deebisanii ijaaruf yeroo waan fudhatuuf lammiilen maatii isaanii waliin walarguuf rakkachuu ibsaniru.

Baqatoota lammilee Ertiraa naannoo Tigrayi keessa qubatanii jiraniif gargaariis namooma taasifamuuf hallii mijataa jiras jedhaniru.Hoggantonni TPLF olaanoon mootummaaf harka kennuu eegalu himuun, kaneen keessa Afa-Yaa’ii Mana Maree Federeshinii duraanii addee Keeriyaa Ibraahim mootummaaf harka kennuusaani ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015