Godina Shawaa Bahaa aanaa Adaamii Tulluutti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuu namoota 7 darbeera.

102

Finfinnee, Sadaasa 25/2013 (TOI)- Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa ganda qonnaan bulaa Galoo Rapheetti balaa konkolaataa kaleessa galgala qaqqabeen lubbuun namoota 7 battaluma yoo darbu, 5 irraa ammoo miidhaa qaama cimaa qaqqabuu Qajeelchi Poolisii godina Shawaa Bahaa beeksiseera.

Konkolaataan Minibaasii Buttaajiraarraa gara Baatuutti imalaa ture galagaluun balicha qaqqabsiisera.

Balichaan daa’imman 4 osoo miidhaan irra hin qaqqabiin hafuun isaanii himameera.

Sababiin balaa kanaas ariitiin konkolaachisuu ta’u, Qajeelcha Poolisii Godina Shawaa Bahaatti Itti gaafatamaan divizhinii kominikeeshinii fi miidiyaa komaandeer Aschaaloo Alamuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015