Ministira Muummee Itti Aanaafi Ministirri Dhimma Alaa, Obbo Dammaqaa Mokonnin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ergamaa Addaa Afriikaa kan ta’an Paarfayit Onaangaan waajjiraa isaanitti simaachuun dubbisaniiru

60

Finfinnee Sadaasa 23/2013(TOI) -Ministira Muummee Itti Aanaafi Ministirri Dhimma Alaa, Obbo Dammaqaa Mokonnin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ergamaa Addaa Afriikaa kan ta’an Paarfayit Onaangaan waajjiraa isaanitti simaachuun dubbisaniiru.

Mootummaan Naannoo Tigiraayitti Tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu fudhataa akka jiru ergamaa addaa kanaaf ibsaniifii jiru.

Hojii olaantummaa kabachiisuu cinaatti mootumma deeggarsa namoomaa lammiileef kennaa jiraachuu himaniiru.

Yeroo ammaa kana naannoon baay’een to’annaa mootummaa jala akka jiru himuun, lammiileef qaamoolee deeggarsa gumaachuu barbaadaniif kennuu akka danda'an hubachiisaniiru.

Lammiilee gara Sudaanitti baqatanii turan gara biyyaatti deebi'uuf fedhii qaban deebisuuf mootumman qophii ta'uu dubbataniiru.

Ergamaan addaa kunis ibsa isaaniif taasifameef galateeffachuun,lammileef eegumsi ta’uu akka qabuufi lammilee miidhamanifis gargaarsi taasifamuu qaba jedhan.Ministeera Dhimmaa Alaa irraa Odeeffanne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015